Fana: At a Speed of Life!

Daandiin qilleensichaa balallii haaraa gara Kooppanhaaganitti eegalchiise

Finfinnee, Caamsaa 13, 2015(FBC)- Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa balallii haaraa Finfinneerraa gara Deenimaark Kooppanhaaganitti taasisu guyyaa har’aa eegalchiiseera.

Sagantaa eegalchiisa balalichaarratti Hojii Raawwachiisaa olaanaan Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa Masfin Xaasawu, miseensonni maneejimentii daandii qilleensichaafi hawaasni dippiloomaatikii argamuu eerameera.

Daandiin qilleensicha bakkeewwan gahumsaa idil addunyaa babal’isa jiraachuu Hojii Raawwachiisaa olaanaan daandii qilleensichaa Masfin Xaasawu ibsaniiru.

Balallii daandiin qilleensichaa gara Deenimaarkitti eegale kun Ityoophiyaa Deenimaark waliin akkasumas Deenimaark Afrikaa waliin walitti hidhuuf gahee olaanaa qabaachuu kaasaniiru.

Kana malees hariiroo daldalaa, invastimantii, uummataafi tuurizimii biyyoota lameenii guddisuu keessatti shora olaanaa kan qabaatu ta’uu ibsaniiru.

Ityoophiyaatti Kaawunsilarri Deenimark Siiv Biyaat gamasaaniin, balalichi eegaluun hariiroo diinagdeefi dippiloomaasii biyyoota lameenii gara sadarkaa olaanaatti kan ceesisu ta’uu addeessaniiru.

Balalichi torbanitti si’a 5 kan taasifamu ta’uu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.