Hojiirra oolmaan waliigaltee nageenyaa milkiin gaggeeffamaa jira – Gamtaa Afrikaa
Finfinnee, Caamsaa 11, 2015 (FBC) – Hojiirra oolmaan waliigaltee nageenyaa milkiin gaggeeffamaa jiraachuu Gamtaan Afrikaa beeksise.
Gamtaan Afrikaa Raayyaa Ittisaa waliin ta’uun qondaaltoota Waraanaa biyyoota garaagaraa Ityoophiyaatti argamaniif adeemsaa fi hojiirra oolmaa waliigaltee nageenyaa ilaalchisee magaalaa Maqaleetti ibsa taasisaniiru.
Akkaatuma waliigaltee nageenyaan hojiirra oolmaan isaa gaggeeffamaa jiraachuu Pireezidaantiin Naannoo Tigraay Obbo Getaachoo Raddaan ibsaniiru.
Dhiyeessiin deeggarsa namoomaa fi tajaajilaa eegalamuun jiraattootaa daraan fayyaduu kaasaniiru.
Yeroo dheeran booda adeemsi baruu fi barsiisuu eegalamuu eeruun, barattootaaf deeggarsi kan barbaachisu ta’uu isaan hawaasni idil addunyaa harka diriirsuu itti fufuu akka qabu gaafataniiru.
Bu’aan kun murannoo mootummaan federaalaa fi ABUThojiirra oolmaa waliigaltee nageenyaaf qabaniin kan argame ta’uu, Raayyaa Ittisaatti daayretktarri jeneraalaa hariiroo alaa fi tumsa waraanaa Meejar jeneraal Tashoomaa Gammachuu dubbataniiru.
Hawaasni idil addunyaa tumsa taasiisu cimsee itti fufuu akka qabu gaafataniiru.
Waliigalteen nageenyichaa milkiin hojiirra oolaa jiraachuu Gamtaa Afrikaatyi Daayrektarri Hoggansa Walitti bu’iinsaa Dooktar Alhaajii Saarjoon ibsaniiru.
Zaman Bayyanaatu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.