Fana: At a Speed of Life!

Maskaram Abarraa dabalatee namoota yakka shororkeessummaan shakkaman 6 irratti Poolisiin qorannoo gaggeessaa jiru akka xumuru guyyoonni 7 eeyyame

Finfinnee, Caamsaa 11, 2015 (FBC) – Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Dhaddachi Ramaddii 1ffaa Lidaataa Maskaram Abarraa dabalatee namoota yakka shororkeessummaan shakkaman 6 irratti Poolisiin qorannoo gaggeessaa jiru akka xumuru guyyoota 7 eeyyameera.

Poolisiin Federaalaa yeroo qorannoo kana dura guyyoota 14 eeyyamameef keessatti ragaalee Baankoota 15, Ashaaraa Qubaa, hojii seen duubee qorachuu , jecha fuudhuu, ragaalee teeknikaa fi Fooreesiikii dhiyeessuu akkasumas, mana jireenyaa shakkamtootaa sakatta’uu ibseera.

Hojiilee hafan xumuruuf yeroon beellamaa guyyoonni 14 akka laatamuuf gaafateera.

Shakkamtootaaf mirgi wabiin yoo eegame biyyaa ba’uu waan danda’aniif mirgi wabii akka hin eeyyamamne gaafateera.

Manni Murtichaa falmii bitaa fi mirgaa dhaggeeffachuun gaaffii mirga wabii shakkamtootaa kufaa taasiisuun Poolisiin hojii qorannoo hafe akka xumuru guyyoota qorannoo dabalaataa 7 eeyyameera.

Taarik Addunyaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.