Fana: At a Speed of Life!

Fooramiin Daldalaa Ityoo- Eemreetota Araba Gamtoomanii gaggeeffame

Finfinnee, Caamsaa 11, 2015(FBC)- Fooramiin Daldalaa Ityoo- Eemreetota Araba Gamtoomanii magaalaa Abuu Daabiitti gaggeeffamuu ibsame.

Fooramichi carraaleefi filannoowwan invastimantii Ityoophiyaa beeksisuurratti kan kaayyeffate ta’uu ibsameera.

Fooramicharratti Komishinarri Komishinii Invastimantii Ityoophiyaa Lalisee Nameen, carraaleefi filannoowwan invastimantii akkasumas damicharratti fooyya’iinsa imaammataa taasifame ilaalchisee abbootii qabeenyaaf ibsa laataniiru.

Piroojektoota invastimantii haaraa gara Ityoophiyaa dhufaniif mootummaan deeggarsa barbaachisaa kan taasisu ta’uu ibsamuu ragaan Komishinii Invastimantii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.