Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti biqiltuuwwan biiliyoona 4.9 dhaabuuf qophiin taasifamaa jira-BQO

Finfinnee, Caamsaa 11, 2015 (FBC)-Naannoo Oromiyaatti Sagantaa Ashaaraa Magariisa bara 2015’n biqiltuuwwaan biiliyoona 4.9 dhaabuuf qophiin taasifamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.

Akka naannichatti biqiltuuwwan gosa garaagaraa biiliyoona 4.9 dhaabbuuf karoorfame keessaa hanga ammatti biqiltuwwaan biiliyoona 4.8 buufata biqiltuutti kunuunfamaa jiraachuu Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetruu Gammachuu turtii Faanaa Biroodkastingi Korpooreet waliin taasisaniin ibsaniiru.

Sagantichaaf qophiim boollii taasifamaa jiraachu kan kaasan Obbo Geetuun, biqiltuuwwan dhaabbiif qopha’aa jiranis kanneen haala qilleensa naannawaa bu’uureffatanii fi soorataaf oolan ta’uu Obbo Geetuun kaasaniiru.

Gama biraatiin hojiilee qabeenyaa uumamaa yeroo bonaa hojjetameen daagaa fi hojiilee misooma sululaan lafti kiloomeetirri miiliyoona 1 hojjetamuu eeraniiru.

Lafa daagaan hidhame irratti dhaabbiin biqiltuu duulaan kan gaggeeffamuu ta’uunis ibsameera.

Gammachuu Beekumaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Gammachuu Beekumaatu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.