Fana: At a Speed of Life!

Biyyoonni miseensa garee 7 qoqqoobbii Raashiyaarra kaa’aan caalmatti cimsuuf mari’ataa jiru

Finfinnee, Caamsaa 10, 2015 (FBC) – Raashiyaan tarkaanfii Yuukreenirratti fudhaataa jirtu akka dhaabduuf biyyoonni miseensa garee 7 qoqqoobbii biyyattiirra kaa’aan caalmatti cimsuuf mari’ataa jiru jedhame.

Biyyoonni kunneen Jimaata dhufuu eegalee Jaappaan Magaalaa Heerooshimaatti yaa’ii kan gaggeessan ta’uu eerameera.

Qoqqoobbii kana dura dhiyeessa Boba’aa fi Humnarraa kaa’ame dabalataan qoqqoobbii haaraa kaa’uuf yaada qabaachuu isaanii himameera.

Ameerikaa, Kaanadaa, Jaappaan, Ingiliz, Faransaay, Jarmanii fi Xaaliyaaniin qoqqoobbii jabaa ta’e Raashiyaarra kaa’uuf murteessuu isaanii ibsameera.

Biyyoonni Miseensa Gamtaa Awurooppaa Boba’aa Raashiyaarraa galchaa turan dhiisuun xiyyeeffannoo isaanii gara Boba’aa Hinditti taasisuu akka qaban Itti Gaafatamaan Dhimma Imaammata Alaa gamtichaa Jooseef Booreeel ibsaniiru.

Raashiyaan gama isheen Qoqqoobbii irra deddeebiin irra kaa’amaa jiru dandamachuuf Boba’aa fi Dhagaa Cilee gara Chaayinaa, Hindii fi Turkitti erguun daldala alaa ishee guddisaa jiraachuu himameera.

Maddi:- Al Jazeera

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.