Fana: At a Speed of Life!

Jeequmsa Sudaniif deebii hatattamaa kennuuf Doolaarri miiliyoona 209 gaafatame

Finfinnee, Caamsaa 10, 2015 (FBC)- Dhabbanni Godaantota Idil Addunyaa (IOM) jeequmsa Sudaanitti mudateen lammiilee miidhaaf saaxilamaniif deeggarsa taasisuuf Doolaara miiliyoona 209 barbaachisa jedhe.

Haalli Sudaan hammaachaan biyyoota ollaa irrattis dhiibbaa uumaa dhufuu ibseera.

Doolaara miiliyoona 209 keessaa Doolaara miiliyoona 105 jeequmsa Sudaan keessaaf deebii kennuuf akka barbaachisuu fi Doolaarri miiliyoona 104 ammoo Ityoophiyaa, dabalatee Ijibti, Sudaan Kibbaa, Liibiyaa, Chaadii fi Rippaabilikii Afrikaa Giddugaleessaatti jeequmsaa mudateen walqabatee deeggarsi akka barbaachisu eerameera.

Dabalataan, godaantota Sudaanii fi biyyoota olaatti argamaniif deeggarsa hatattamaa kennuuf Doolaara miiliyoona 37 akka barbaachisu beeksiseera.

Daayrektarri Olaanaa Dhaabbatichaa Antooniyoo Viitooriinoo, haalli Sudaan keessaa haala duraan biyyattitti mudate isaa hammaataa ta’uu eereera.

Jeequmsa Sudaanitti mudateen lammiileen hedduun tajaajilootaa bu’uuraa bishaan, nyaataa fi da’oo akka barbaachisuun ibsameera.
Dhaabbatichi hawaasni idil addunyaa deeggarsa akka taasisu waamicha dhiyeesseera.

Jeequmsichaan walqaabatee namoonni miiliyoona 25.7’tti dhiyaatan Sudaanii fi naannawaa daangaatti deeggarsa namoomaa barbaachisuu fi lammiileen biyyattii kuma 259 gara biyyoota ollaattii godaanuun ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.