Fana: At a Speed of Life!

Komishiniin Marii Biyyaalessaa koree Gorsituu hundeesse

Finfinnee, Caamsaa 9, 2015(FBC)- Komishiniin Marii Biyyaalessaa koree Gorsituu miseensota 35 of keessaa qabu hundeessuu beeksise.

Komishinichi miseensota korichaa waliin sagantaa walbaruu qopheessuu ibsameera.

Namoonni dhuunfaa korichatti hammataman hojiilee garaagaraan komishinicha kan deeggaraniifi muuxannoo hojii ogummaa garaagaraa kan qaban ta’uu ibsameera.

Miseensonni korichaa jaarsolii biyyaa kutaalee biyyattii garaagaraa, hayyoota akkasumas namoota dhuunfaa adeemsa mariirratti hojjetaniifi bakka bu’oota dhaabbilee ta’uu eerameera.

Komishinichi koricha kan hundeesse hammattoowwan seeraa labsii hundeeffama komishinichaa 1265/2014 irra jiru bu’uura godhachuun ta’uu eeruun, qajeelfamni keessoo korichi hojiisaa ittiin hojjetu qophaa’uu ibsameera.

Komishinarri Olaanaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Piroofeesar Masfin Aarayaan, hojiilee ijoo hojjetamaniifi gara fuula duraatti hojjetamuuf karoorfaman irratti korichaaf ibsa taasisaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.