Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaantiin Soomaaliyaa daawwannaa hojiif gara Kuwaartaaritti imalan

Finfinnee, Caamsaa 9, 2015(FBC)- Pireezidaantiin Soomaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad daawwannaa hojiif guyyaa kaleessaa galgala Dohaa galuu ibsameera.

Pireezidaantichi buufata xiyyaaraa idil addunyaa Hamaad wayita gahan Ministirri Ministeera Aadaa Kuwaataar Sheek Abduurahimaan Biin Hamaad Biin Jaasiim Al-Taaniifi anga’oonni olaanoon biyyattii simannaan taasisuufii ibsameera.

Pireezidaanti Hasan Sheek Mohaammad turtiisaaniin dhimmoota garaagaraarratti Imira biyyattii Sheek Taamiim Biin Hamaad Al-Taanii waliin ni mari’atuun kan eegamu ta’uu ragaan Waajjira Pireezidaantii Soomaaliyaarraa argame ni mul’isa.

Aanga’oonni lameen tumsa dameewwan misoomaa, diinagdee, invastimantii, nageenyaafi kanneen biroorratti qaban haala guddisuu danda’anirratti kan mari’atan ta’uus eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.