Fana: At a Speed of Life!

Sirni eegalchiisa ijaarsa Masaraa mootummaa naannoo Oroomiyaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Caamsaa 9, 2015 (FBC) – Sirni eegalchiinsa Ijaarsa Masaraa Mootummaa Naannoo Oromiyaa iddoo Hooggantoonni Naannoo Oromiyaafi Federaalaa Abbootiin Gadaa fi Amantaa akkasumas Hadhooliin Siinqee argamanitti Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Masarichi Finfinneetti Lafa hektaara 6 ol irratti ijaarama jedhame.

Ijaarsi masaraa kanaas waggaa 2tti kan xumuramu ta’uu eerameera.

Masaricha ijaaruuf walii galtee kan mallatteesse Dhaabbanni ijaarsaa Korporeeshinii Injinariingii Siviilii Chaayinaa yeroo qabame keessatti xumuruuf xiyyeeffannaa addaan kan hojjetu ta’uu beeksiseera.

Jaalallii Hayiluutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.