Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan dhimmoota yakkaarratti biyyoota garagaraa waliin hojjechuuf labsiin waliigaltee walta’iinsaa ragga’e

Finfinnee, Caamsaa 8, 2015 (FBC)- Ityoophiyaan dhimmoota yakkaarratti Emereetotaa Araba Gamtoomanii akkasumas mootummaa rippaabilikii Turki waliin hojjechuuf kan dandeessisu labsii waliigaltee walta’iinsaa ragga’eera.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idilee 19ffaa gaggeesseera.

Manni Marichaa Ityoophiyaa fi Emereetota Araba Gamtoomanii akkasumas Ityoophiyaa fi Turki gidduutti waliigaltee walta’iinsaa dhimmoota yakkaa ittisuu, akkasumas mootummoota lameen waliin waliigaltee dabarsanii kennuu taasifame raggaasisuuf wixinee labsii dhiyaaterratti mari’ateera.

Gama biraatiin, wixineewwan labsii waliigalteen biyyattiin biyyoota biroo waliin hariiroo dippiloomaasummaa qabdu fi birmadummaa biyyaa akka cimsu akkasumas hojiilee mootummootaa saffisiisuuf kan tumsu ta’uu miseensota mana marichaarraa yaadonni kennamaniiru.

Haaluma kanaan wixineewwan labsichaa sagalee caalmaan ragaasiseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.