Fana: At a Speed of Life!

Kiyeevi Diroonii fi Misaa’elaan haleelamte

Finfinnee, Caamsaa 8, 2015 (FBC)- Magaalaa guddittii Yuukreen Kiyeev haleellaa cimaa Diroonnii fi Misaa’eelaan haleelamuu aanga’oonnii biyyattii beeksisaan.

Haleellichaan yoo xiqqaate namoota sadii irra miidhaan qaqqabuun eerameera.

Raashiyaan torbeewwaan darban duula haleellaa qilleensaarra cimsitee kan itti fufte yoo ta’uu, yeroo dhiyoottis Kibbaa Yuukireenin duulaa loltummaa ni eegaltiin kan eegamu ta’uun ibsameera.

Itaamajoor Shumiin waliigalaa Raayaa Ittisaa Yuukreen Vaalariy Zaaluz akka ibsanitti, Raashiyaan kallattii Kaabaa, Kibbaa fi Bahaan Magaalaa Kiyeev haleelteetti.

Raashiyaan haalellaa misaa’eelaa 18 kallatti garaagaraan geessisuu ibsuun, hundiyuu Yuukireenin fashaleeffamuu ibsaniiru.

Haleellichaan bufataa xiyyaaraa dabalatee kutaa Bulchiinsaa Solominiyaasik keessatti miidhaa olaanaa qaqqabsisuun eerameera.

Erga waraanni Raashiyaa fi Yuukireen eegalee lammiilee siviilii kumatammatti lakka’aman fi loltonnii lubbuu isaanii dhabuufi mada’uun gabaafameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.