Fana: At a Speed of Life!

Agarsiisni Konistiraakshinii Ityoophiyaatti gaggeeffamu damicha guddisuuf ni gargaara- Aadde Caaltuu Saanii

Finfinnee, Caamsaa 8, 2015(FBC)- Agarsiisni Konistiraakshinii “Za Biig Faayif Konistiraakshin “ Caamsaa 10-12, 2015’tti Ityoophiyaatti gaggeeffamu damicha guddisuuf kan gargaaru ta’uu Ministirri Ministeera Bu’uuraalee Misoomaafi Magaalaa Aadde Caaltuu Saaniin ibsan.

Agarsiisni konistiraakshinii Ityoophioyaatti yeroo jalqabaaf gaggeeffamuuf jedhu kun tumsa dhaabbilee idil addunyaan kan gaggeeffamu ta’uu dubbataniiru.

Agarsiisicharratti dhaabbileen biyyoota 26 irraa walitti babba’an kan hirmaatan ta’uufi waljijjiirraa muuxannoo taasisuuf kan gargaaru ta’uus kaasaniiru.

Layikuun Alamtu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.