Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi Yeroo naannoo Tigraay bakka buutoota Baankii Addunyaa fi Ministeera Maallaqaa waliin mari’ataa jira

Finfinnee, Caamsaa 7, 2015 (FBC) – Bulchiinsi Yeroo naannoo Tigraay bakka buutoota Baankii Addunyaa fi Ministeera Maallaqaa waliin mari’ataa jiraachuu ibsameera.

Pireezidaantiin bulchiinsi yeroo naannoo Tigraay Obbo Getaachoo Raddaan Ministir Deetaa Ministeera Maallaqaa Samariitaa Sawaasawu dabalatee bakka buutoota Baankii Addunyaa fi Ministeera Maallaqaa waliin mari’ataniiru.

Haala dhaabbilee sababa waraanaan miidhaman deebisanii ijaaruu fi dhaabuun danda’amuratti mari’achuu isaanii eerameera.

Dabalataan waraana naannichatti gaggeeffamaa ture hordofee miidhaalee qaqqabe ilaalchisee qorannoo taasiifamerratti mari’achuu isaanii ragaan Waajjira Bulchiinsa Yeroo naannicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.