Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanech Abeebeen sagantaa haaromsa manaa waqtii gannaa eegalchiisan

Aadde Adaanech Abeebeen sagantaa haaromsa manaa waqtii gannaa eegalchiisan

Finfinnee, Caamsaa 7, 2015(FBC)- Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen sagantaa haaromsa manaa waqtii gannaa guyyaa har’aa eegalchiisaniiru.

Aadde Adaanech saganticha Kutaa Magaalaa Lidataa aanaa 1 naannoo Qorqorroo Safar jedhamuun beekamuutti hojii haaromsa manneen abbootii warraa 134fi kutaa magaalaa Araadaa naannoo Raas Mokonnin Dildiyitti haaromsa manneen abbootii warraa 15 eegalchiisuu ibsaniiru.

Aadde Adaanech Abeebeen ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, guyyaa har’aa hojii haaromsa manneen jireenyaa waqtii gannaa kuma 3fi 500 eegalchiisuu beeksisaniiru.

Piroojektoota gurguddoo maqaa gaarii magaalichaa guddisan ijaaruun cinaatti hojiilee namarratti xiyyeeffatan irratti hojjechuu kan itti fufan ta’uu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.