Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbilee Qorannoo Indaastiriiwwan waliin walitti hidhuuf hojjetamaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Caamsaa 5, 2015 (FBC)- Dhaabbilee barnootaa fi qo’annoo indaastiriiwwan waliin walitti hidhuuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Barnootaa beeksise.

“Walitti hidhamiinsaa yuunivarsiitii indaastirii baruu fi barsiisuu gochaarratti xiyyeeffatee fi qo’annoof” mata duree jedhuun waltajjiin marii Yuunivarsiistii Dabira Birhaanitti gaggeeffamaa jira.

Waltajjicharratti, Ministir Deetaan Ministeera Barnootaa Dooktar Saamu’eel Kiflee, yuunivarsiitiiwwan qulqullina barnootaa fi madaalliirratti xiyyeeffachuun qorannoo walta’iinsaa rakkoolee furan gaggeessuu qabu jedhan.

Indastiriiwwanis, yuunivarsiitiiwwaniif qabeenya uumuu fi pirojektiiwwan waloo hojiirra oolchuun fayyadamummaa waloof akka hojjetan hubachiisaniiru.

Pireezidaantiin Yuunivarsiitichaa Dooktar Nugusee Taaddasaa gama isaaniin barnoota gochaan, yuunivarsiitiiwwan waliin walitti hidhuu fi qorannoowwan gaggeeffaman indaastiriiwwan irratti akka xiyyeeffataniif hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Saamiraawwit Yasigaatitu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.