Fana: At a Speed of Life!

Magaalaan Finfinneefi magaalaan Atilaantaa waliin hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Caamsaa 4 ,2015 (FBC)- Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen jila Kantiibaa magaalaa Atilaantaa Andiree Diikansiin durfamuu waliin mari’ataniiru.

Kantoobonni lameen mariisaaniin booda ibsa miidiyaaleef kennaniin, dhimmoota magaalonni lameen waliin hojjechuu danda’an irratti mari’achuu ibsaniiru.

Hariiroon magaalota lameenii balallii haaraa Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa gara Atilaantaatti eegale bu’uura godhachuun kan eegale ta’uu Aadde Adaanech ibsaniiru.

Magaalota lameen gidduutti haala hariiroo diinagdeefi hawaasummaa guddisuu danda’an irratti mari’achuu kaasaniiru.

Kunis magaalaa Finfinnee bakka gahumsa tuurizimii taasisuufi invastimantii babal’isuuf carraa kan uumu ta’uu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.