Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin federeshinii dubartootaa Oromiyaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Caamsaa 4, 2015 (FBC)- Yaa’iin idilee 3ffaan Federeshinii Dubartootaa Naannoo Oromiyaa Magaalaa Adaamaa Galmaa Abbaa Gadaatti gaggeeffama jira.

Yaa’iichi mata duree “Gurmaa’iinsa dubartootaa cimaan jijjirama waloof” jedhuun gaggeeffamaa jira.

Yaa’icharratti Itti Aantuun Afyaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Aadde Loomii Badhoo, Sadarkaa Itti Aanaa Pireezidaantiitti Qindeessaa Kilaastara Hawaasummaa Obbo Abdulhaakiim Muluu, Pireezidantii Federeeshinii Dubartootaa Oromiyaa Aadde Askaalaa Lammaa fi Pireezidantoonni federeeshinii dubartootaa naannoolee biroo fi abbootiin gadaa fi haadholiin siinqee hirmaachaa jiru.

Amarti Tasfaayeetu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.