Jilli Pireezidaanti Shimallisiin durfamu Agarsiisaa Qonnaa Godambaa Saayinsii daawwate
Finfinnee, Caamsaa 4, 2015 (FBC) – Jilli Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu agarsiisa Qonnaa Godambaa Saayinsiitti qophaa’e daawwateera.
Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen jilicha kan daawwachiisan yoo ta’uu, abbootiin Gadaa, qonnaan bultoonni adda duree fi qooda fudhattoonni agarsiisicha daawwaataniiru jedhame.
Yuuniyeenoonni ,waldaaleen hojii gamtaa, giddugaloonni qorannoo qonnaa, Qonnaan bultoonni fi dhaabbileen gara garaa hojii qonnaarratti bobba’an oomisha qonnaa adda addaa agarsiisaaf dhiyeessuu OBN gabaaseera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.