Ambaasaaddar Misgaanuun hoggantoota olaanoo Ministeera Dhimma Alaa Paakistaan waliin mari’atan
Finfinnee, Caamsaa 4, 2015 (FBC) – Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan hoggantoota olaanoo Ministeera Dhimma Alaa Paakistaaniif dhimmoota haala waqtaawaarratti ibsa laataniiru.
Hariiroon damee Daldalaa fi Biiznasiin argame dameewwan biroonis itti fufuu akka qabu Ambaasaaddar Misgaanuun ibsaniiru.
Hariiroon siyaasaa biyyoota lamaanii cimee itti fufuu akka qabu Ambaasaaddar Misgaanuun waamicha dhiyeessaniiru.
Dhimmoota nageenya naannawaa fi biyyaalessarrattis ibsa taasiisaniiru.
Hoggantoonni olaanoo Ministeera Dhimma Alaa Paakistaanis Ityoophiyaan Islaamaabaadiitti Embaasii banuu isheef daraan gammaduu ibsaniru.
Paakistaan hariiroo Ityoophiyaa waliin qabdu cimsuun hariiroo biyyoota Afrikaa biroo waliin qabduuf murteessaa ta’uu beeksisaniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.