Fana: At a Speed of Life!

Agarsiisni Ityoophiyaan Haa Oomishtuu xumurame

Finfinnee, Caamsaa 2, 2015(FBC)- Agarsiisni Ityoophiyaan Haa Oomishtuu guyyaa har’aa xumurameera.

Sagantaa cuufiinsaa agarsiisichaarratti Ittaanaan Muummee Ministiraafi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin daawwannaa kan taasisan yoo ta’u, indaastiriiwwan oomishaa, naannoleefi abbootii qabeenyaa raawwii fooyya’aa qabaniif beekamtii kennaniiru.

Ministirri Ministeera Indaastirii Malaakuu Allabal, agarsiisa Ityoophiyaan Haa Oomishtuu waggaa waggaan fooyyessuun gara agarsiisa idil addunyaatti guddisuuf hordoffii mootummaa barbaachisa jedhan.

Tibba darbe Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad agarsiisichi banuun kan yaadatamudha.

Agarsiisicharratti indaastiriiwwan oomishaa 124 oomishaaleefi tajaajiloota isaanii dhiyeessuu ibsameera.

Fatiyaa Abdallaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.