Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon Walga’ii Waggaa Federeeshinoota Idil Addunyaarratti hirmaatan
Finfinnee, Caamsaa 2, 2015(FBC)- Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon Ityoophiyaa bakka bu’uun Walga’ii Waggaa Federeeshinoota Idil Addunyaa Siwiizarlaand magaalaa Oraawuti gaggeeffamerratti hirmaataniiru.
Waltajjicharratti muuxannoo Ityoophiyaan damicharratti qabdu qooduu ibsameera.
Waltajjiin walitti hidhamiinsa Federeeshinoota idil addunyaa oolmaasaa har’aan raawwii hojii bara darbee gamaagamuufi ajandaalee yeroo ittaanutti waltajjicha cimsuu danda’an irratti mari’achuun kallattii kaa’uu eerameera.
Yeroo ittaanutti biyyoonni miseensa waltajjichaa dhimmoota isaan barbaachisu bu’uura godhachuuniifi maallaqa walitti qabuun hojiilee garaagaraa hojjechuuf waliigalteerra gahuu ibsamuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.