Manni marichaa milkaa’ina marii biyyaalessaaf gumaacha gochuuf qophii ta’uu ibse
Finfinnee, Caamsaa 2, 2015 (FBC) – Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Ityoophiyaa milkaa’ina marii biyyaalessaaf qooda isaa gumaachuuf qophii ta’uu ibseera.
Komishiniin Maree Biyyaalessaa adeemsa Paartilee Siyaasaa dabalatee kutaaleen hawaasaa maricharratti hirmaachuu danda’an diriirsuu ibsee ture.
Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaas milkaa’ina maree biyyaalessaaf qooda isaa ba’uuf qophii ta’uu dura taa’aan mana marichaa Dooktar Maabraatuu Alamuun ibsaniiru.
Walitti bu’iinsa yeroo adda addaa Ityoophiyaa keessatti uumamuuf furmaata waaraa laachuuf Mariin biyyaalessaa murteessaa ta’uu eerameera.
Maddi:-TOI
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.