Damee qonnaa faayinaansiin deeggaruun bu’aalee galmaa’aa jiran itti fufsiisuuf hojjetamaa jira- Obbo Ahimad Shiidee
Finfinnee, Caamsaa 2, 2015(FBC)- Damee qonnaa faayinaansiin deeggaruun bu’aalee jajjabeessaa galmaa’aa jiran itti fufsiisuuf hojjetamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen ibsan.
Obbo Ahimad Shiideefi hoggantoonni olaanoon Ministeera Maallaqaa biroon agarsiisa Qonnaafi Sayinsii Goda-Ambaa Sayinsiitti qophaa’e daawwachuu ibsameera.
Damee qonnaa faayinaansiin deeggaruun bu’aalee jajjabeessaa yeroo amma mul’achaa jiran itti fufsiisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Obbo Ahimad Shiideen eeraniiru.
Misooma biyyattii mirkaneessuuf damee qonnaaf xiyyeeffannoo olaanaan kennamuu eeruun, kanaafis piroojektoonni garaagaraa bocamuun gara hojiirra oolaa jiraachuu dubbataniiru.
Misooma midhaaniifi qabeenya beelladaa akkasumas eegumsa qabeenya uumamaarratti hojiileen quubsaa ta’an hojjetamuu kaasaniiru.
Oomishaafi oomishtummaa qonnaa keessumaa ammo oomisha qamadiirratti bu’aa olaanaan galmaahuu ibsaniiru.
Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen gamasaaniin, kaayyoon agarsiisichaa sadarkaa guddinni damee qonnaa irra gahe uummatatti agarsiisuuf ta’uu eeraniiru.
Qonna ammayyeessuuf teekinooloojiiwwan eegalaman babal’isuuf akkasumas oomishaafi oomishtummaa guddisuuf hojiileen hojjetamaa jiran agarsiisaaf dhiyaachuu dubbataniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.