Fana: At a Speed of Life!

Poolisiin Federaalaa lammiilee hongeen miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 8 taasise

Finfinnee, Caamsaa 2, 2015(FBC)- Poolisiin Federaalaa Ityoophiyaa lammiilee iddoowwan garaagaraatti hongeen miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 8’tti shallagamu taasisuu ibsame.

Deeggarsichi lammiilee naannoo Oromiyaa godina Booranaa, naannoo Kibbaa godina Koonsoofi naannoo Somaaleetti hongeen miidhamaniif taasifamuu eerameera.

Komishinarri Komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Dammallash Gabramikaa’el, miseensonni poolisii feederaalaa rakkicha akka rakkoo mataasaaniitti ilaaluun fedhiisaaniin mindaa isaaniirraa walitti qabuun deeggarsa taasisuu wayita deeggarsicha dabarsanii kennan ibsaniiru.

Gara fuula duraattis lammiilee kanneen deeggaruuf qophii ta’uu ibsuusaanii ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.