Fana: At a Speed of Life!

Peentaagoon Yuukreeniif deeggarsa Doolaara biiliyoona 1.2 taasiifte

Finfinnee, Caamsaa 2, 2015 (FBC) – Ministeerri Ittisaa Ameerikaa Yukreeniif deeggarsa waraanaa Doolaara biiliyoona 1.2 taasisuu beeksise.

Deeggarsichi Raayyaa Ittisaa Yuukreen cimsuuf meeshaalee waraanaa garaagaraa bituuf kan oolu ta’uu ibsameera.

Yuukreen meeshaalee waraanaa barbaaddu hatattamaan guutuun Humna Waraanaa ishee cimsuuf ta’uu Peentaagoon ibseera.

Meeshaaleen waraanaa kunneen dhaabbilee Ameerikaa meeshaalee waraanaa oomishanii fi biyyoota michuurraa bitamuun Yuukeeniif kan dhiyaatan ta’uu RT gabaaseera.

Ameerikaan hanga ammaatti bifa garaagaraan Yuukreeniif deeggarsa meeshaalee waraanaa Doolaaraa biiliyoona 37.6tti tilmaamamuu taasiisuu gabaasichi eereera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.