Fana: At a Speed of Life!

Sinoodoosichi Yaa’ii gaggeessuu eegale

Finfinnee, Caamsaa 2, 2015 (FBC) – Sinoodoosiin Mana Amanataa Kiristiyaanaa Ortodoksii Waloomaa Ityoophiyaa Yaa’ii gaggeessuu eegaleera.

Paatiriyaarikiin Mana amantichaa Eebbifamoo Abunee Maatiyaas baniinsa yaa’ichaarratti haasawa taasiisaniin, yaa’ichi hojiilee ijoo ergama mana amantichaa raawwachuuf murteessoo ta’aniirratti mari’achuun murtoo ni dabarsa jechuun ibsaniiru.

Yaa’ichi akkaataa manneen amantaa sababa waraanaan miidhaman deebisanii ijaaruun danda’amurrattis kan mari’atu ta’uu kaasaniiru.
Nageenyi waaraan akka bu’uuf mana amantichaa hojii barsiisuu fi hubachiisurratti xiyyeeffannoon akka hojjetu yaadachiisaniiru.

Qaamolee walitti bu’iinsa keessatti hirmaataa jiran garaagartee isaanii mariin furachuu akka qaban waamicha abbummaa isaanii dhiyeessaniiru.

Zufaan Kaasahuunii fi Qiddisti Abaateetu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.