Fana: At a Speed of Life!

Hojii Manni Maree Tiraanisfoormeshinii Qonnaa Oromiyaa waggoottan darbanitti hojjete jijjiirama fideera- Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Eebla 27, 2015(FBC)- Hojii Manni Maree Tiraanisfoormeshinii Qonnaa Oromiyaa waggoottan darbanitti hojjete damee qonnaarratti jijjiirama fiduu Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.

Manni marichaa erga hundaa’ee astti beekumsa damee qonnaan hawaasa, ogeeyyiifi hayyoota damichaa walitti qindeessuun ce’umsa damichaaf murteessaa ta’u eeruun, hojii beekumsa qindeessuun faayidaaf akka oolu taasisuuf hojjetameen jijjiirama fiduun danda’ameera jedhan.

Haata’u malee baay’ina ummataa dabalaa dhufe, rakkoolee jiraniifi sadarkaa addunyaa waliin yoo ilaalamu qoodni mana marichaa cimuu qaba jedhaniiru.

Rakkoolee jiran furuuf hanqinoota adda baasuun kallattii kaa’aa deemuurratti ciminaan hojjechuun barbaachisaa ta’uus ibsaniiru.

Manni maree Tiraansformeshinii qonnaa Oromiyaa karoora qonnaa bara oomisha 2015/16 kilaastaraan qoduun kan hoggannu ta’u kan himan Pireezadaanti Shimallis, insheetiviiwwan qonnaa haaraa 15 turan gara 28 ‘tti guddisuun qulqullina oomishaa dabaluuf xiyyeeffannaan kan hojjatamu ta’uu himaniiru.

Walgahiin Mana Maree tiraanisfoormeeshinii Qonnaa Oromiyaa marsaa 2ffaan gaggeefamaa ture karooraafi mala raawwii hojii qonnaa bara oomishaa 2015/16 dhiyaaterratti mari’achuun kallattii fulduraa kaa’uun xumurameera.

Muluu waaqshumeetu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.