Kitaabilee Bitootessaa hanga Bitootessaa jedhaman irratti mariin gaggeeffame
Finfinnee, Eebla 27, 2015(FBC)- Agarsiisa Kitaabaa mata duree “ Jecha, Gochaafi Dhaloota “ jedhuun mana kitaabaa Abrihootitti banamee jiruun Kitaabilee “Bitootessaa hanga Bitootessaa” jedhaman irratti mariin gaggeeffamuu ibsame.
Kitaabileen kunneen taateewwan biyyaalessaa bara 2010-2013 irratti kan barreeffaman ta’uu ibsameera.
Ministirri Ministeera Albuudaa Injinar Habtaamuu Taganyi, Hojii Gageessaa Olaanaan Piroojektii Hidha Guddicha Haaromsa Ityoophiyaa Injinar Kiflee Horroofi Obbo Ashannaafii Ayyaaleewu kitaabilee kanneen irratti yaada isaanii kennuu eerameera.
Milkaa’inoonniifi rakkooleen gama Ityoophiyaan piroojektoota gara hojiitti hiikuu jiran ka’umsa kitaabilee kanneenirratti haalaan sakatta’amuufi piroojektoonni ijaaraman dursanii galma kaa’uurraa eegalee milkeessuurratti kutannoon hojjechuu kan barsiisan ta’uu eerameera.
Piroojektoota yaada Muummee Ministiraa Abiy Ahimadiin maddisiifamanis ta’e piroojektoota biroorratti Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad hordoffii cimaa taasisuun bu’aa argameef ka’umsa ta’uu eeramuu ragaan Waajjira Muummee Ministiraarraa argame ni mul’isa.
Piroojektoonni biyyo qormaatilee hedduu keessa osoo jirtuu milkaa’an haalaan barraa’uufi piroojektoota dhufaniif fakkeenya ta’uu akka qaban marichaan ka’eera jedhame.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.