Fana: At a Speed of Life!

Godinichatti balaa lolaan lubbuun namoota 12 darbuu ibsame

Finfinnee, Eebla 27, 2015(FBC)- Godina Goofaa aanaa Ubaa Dabratsahaay magaalaa Zaabaatti rooba cimaa roobee lolaa uumameen haga ammaatti lubbuun namoota 12 darbuu ibsame.

Balichaan hanga ammaatti lubbuun namoota 12 darbuufi manneen jireenyee hedduun barbadaa’uu Hogganaan Qajeelcha Kominikeeshinii Godinichaa obbo Kaasaahuun Abbaayinahi ibsaniiru.

Yeroof qabeenyi hangi isaa hin beekamne barbadaa’uu kaasuun, hojiin reeffa namootaa barbaaduu cimee itti fufuufi lakkoofsi namoota balichaan lubbuun isaanii darbee dabaluu akka danda’u ibsamuu DhRTK gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.