Jala bultiin kabaja guyyaa injifannoo Dirree waraana saambee marii paanaaliin kabajame
Finfinnee, Eebla 26, 2015 (FBC) – Jala bultiin kabaja guyyaa injifannoo Dirree waraana saambee aanaa Aallee magaalaa Goreetti marii paanaaliin kabajameera.
Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Aallee Magaalaa Goreetti sirni kabaja ayyaana injifannoo Dirree waraana saambee waggaa 82ffaa’n bara 2015 bakka hoggantootni olaanoon naannoo Oromiyaa argamanitti Jala bultiin marii paanaaliitiin kabajameera.
Dirreen waraanaa saambee waraana aduwaa 2ffaa jedhamuun kan beekamu, Dirree waraana uummatni oromoo godina Iluu Abbaa Boor tokkummaadhaan Loltoota Xaaliyaanii tilmaamaan gara Kuma 5000 ol ta’an irratti injifannoo seenaan bara baraan yaadatu gonfataniidha.
Uummatni Oromoo godina Iluu Abbaa Boor akkuma uummata naannolee biroo ijaarsa biyyaa keessatti qooda Lola Adwaa irratti gumaachan Dirree waraanaa saambee irrattis aarsaa qaqqaalii kafaluu Barsiisaan seenaafi Turiizimii Yuunivarsiitii Mattuu Taganyi Sintaayyoon ibsaniiru.
Uummatni Oromoo birmadummaa biyyaatiif aarsaawwan hin dagatamin kafalan keessaa seenaan Dirree waraanaa saambee isa ijoo ta’uu Bulchaan Godina Iluu Abbaa Boor Obbo Indaalkaachoow Tafariin dubbataniiru.
Uummatni Godina Iluu Abbaa Boor Akkuma gootummaan isaa dhokatee ture , qabeenya uumamaa qabutti diinagdeen duroomuun ni hafa kan jedhaan.
Akkuma seenaan gootummaa baroota hedduu booda bahee mul’ataa jiru , qabeenya qabnuun duroomnee diinagdeedhaanis haa badhaanu jechuun dhaamaniiru.
Uummatni oromoo kallattii afraniinuu injifachuun beekama,kan uummata godina Iluu Abbaa Boor adda godhu garuu,weerara faashistii Xaaliyaanii gama Lixa Oromoyaatiin xumura itti gochuun gootummaa seenaan yaadatudha hojjete ta’uu Hogganaan Biiroo Aadaa fi Turiizimii Oromiyaa Obbo Huseen Fayyisoon eeraniiru.
Hayyoonni qorannoo cimsuun seenaa gootummaa Oromoo Dirree waraanaa saambee caalmaatti akka mul’isan gaafachuu OBN gabaaseera..
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.