Fana: At a Speed of Life!

Kitaabileen haasawa Muummee Ministira qabatan ifooman

Finfinnee, Eebla 26, 2015 (FBC)-Kitaabonni mata duree “Fulbaanaa hanga Fulbaanaa” fi “Bitootessaa Hanga Fulbaanaa” jedhuun maxxanfamanii fi haasawaa Ministira Muummee Abiy Ahimad qaban lama ifoomaniiru.

Kitaabilee kunneenis taateewwan waggoota jijjiiramaa darban keessa taateewwan gaggeeffamanii fi haasawaa Muummee Ministiraa Abiy Ahimad kan qabataniidha.

Mata duree “Jecha, Gocha, Dhaloota” jedhuun waltajjiin argisiisaa fi marii kitaabilee Waajjira Ministeera Muummee Ministiraan qophaa’e har’as itti fufee ooleera.

Waltajjicharratti kan argaman Ministirri Pilaanii fi Misoomaa Dooktar fitsum Asaffaan, waggoota darban keessatti Ityoophiyaan maal hojjehuuf akka karoorfatte, kan hojjettee fi gufuulee mudatan akkamitti akka mo’atte hubachuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.

Mootummaan karooraa qabteefi waada gale keessaa kam akka hojjetee fi kan hinhojjenne dubbisaan akka hubatuu fi akka gaafatu kan gargaaru ta’uun ibsameera.

Yuunivarsiitii Finfinneetti Gargaaraa Pirofeesaraa kan ta’an Ababaawu Ayyaalewu kitaabichi seenaan yoo galmaa’uu baate boru kan hinaragamne ta’uu kaasanii, kitaabni kunis burjaajii seenaa kan hambisu ta’uu eeraniiru.

Kitaabichi hayyoota seenaa fi qorattootaaf wabii jalqabaa ta’ee akka tajaajilus akeekaniiru.

Kitaabni kun haasawaa fi ergaa Muummee Ministira Afaan Amaaraa, Afaan Oromoo, Tigriffaa fi Ingiliffaan dabarsan of keessatti qabateera.

Tigisti Asmaammawutu gabaase

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.