Fana: At a Speed of Life!

Ajaay Baangaan Pireezidaantii Baankii Addunyaa ta’uun filataman

Finfinnee, Eebla 26, 2015 (FBC) – Dhalataan Hindii lammiin Ameerikaa Ajaay Baangaan Pireezidaantii Baankii Addunyaa ta’uun filatamaniiru.

Ogeessi Faayinaansii fi Invastimantii duraanii Ajaay Baangaan Pireezidaantii Baankii Addunyaa ta’uun filatamuu isaanii baankichi ibseera.

Miseensonni Boordii Hoggansa Baankii Addunyaa kan sagalee hin laanne 1 fi sagalee caalmaan Ajaay Baangaa Pireezidaantii baankichaa taasiisuun filataniiru jedhame.

Ajaay Baangaan baatii Waxabajjii dhufuu Deeviid Maalpaasiin irraa aangoo Pireezidaantummaa kan fudhatu ta’uu ragaan baankicharraa argame ni mul’isa.

Maanguddoon umrii waggaa 63 Baangaan Maasteer Kaardi waggoota 11f ga’umsaan hogganuu isaanii ibsameera.

Pireezidaantii Haaraa Baankii Addunya ta’uun kan filataman Baangaan qabeenya qulqulluu Doolaara miiliyoona 206 qabaachuu isaanii ragaaleen ni mul’isu.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.