Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojiilee ijoo hojjechaa jiru keessaa tokko diinagdee Oromoo guddisuudha – Obbo Awwaluu Abdii

Finfinnee, Eebla 26, 2015 (FBC) – Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojiilee ijoo hojjechaa jiru keessaa tokko diinagdee Uummata Oromoo guddisuu ta’uu Itti Aanaan Pireezidaantii naannichaa Obbo Awwaluu Abdiin ibsan.

Hongee sababa jijjiirama qilleensaan irra deedeebi’ee uumamaa jiruun miidhaa akka naannichaatti qaqqabu waaraan furuuf hojjetamaa jiraachuus Obbo Awwaluun eeraniiru.

Akkaataa Aadaa fi duudhaa wal gargaarsa Oromoo ganamaatiin Buusaa Gonofaa hundeessuun yeroo rakkoos ittiin wal hirphaa fi wal deeggaraa jirra kan jedhan.

Mootummaan naannoo Oromiyaa Diinagdee Ummata Oromoo fi naannoo Oromiyaa guddisuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Obbo Awwaluu sirna dabarsa Tiraaktetrootaa magaalaa Shaashammanneetti gaggeeffameerratti ibsaniiru.

Naannichatti nageenya waaressuufis hojjetamaa jiraachuus kaasaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.