Fana: At a Speed of Life!

Murtoo Ummataa Godina Walaayittaaf galmeen filattootaa fi sirni sagalee laachuu guyyaa walfakkaatu gaggeeffama jedhame

Finfinnee, Eebla 26, 2015 (FBC) – Murtoo Ummataa Godina Walaayitta irra deebiin gaggeeffamuuf galmeen filattootaa fi sirni sagalee laachuu guyyaa walfakkaatu Waxabajjii 12, 2015 kan raawwatamu ta’uu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa beeksisie.

Boordichi Murtoo Ummataa gaggeeffamee turerratti rakkoolee turan gamaaggamuun murtoo ummataa irra deebiin gaggeessuuf qooda fudhattoota waliin marii taasiiseera.

Murtoo Ummataa Amajjii 29, 2015 gaggeeffame irratti Poolisiin Federaalaa fi Ministeerri Haqaa waliin ta’uun hojii qulqulleessuu hojjetaniin sarbamni seeraa raawwatamu boordichi mirkaneesseera.

Namoota sarbama seeraa raawwatan 136 keessaa 94 to’annoo jala ooluu ibseera.

Hanqinaalee turan gamaaggamuun murtichi karaa haqa qabeessa ta’een irra deebiin akka gaggeeffamu qophii ga’aan taasiifamuu ibsameera.

Galmee filattootaa fi sirna sagalee laachuu irra deebiin gaggeeffamuuf hojii raawwachiiftoonni Magaalaa Finfinnee fi Godina Walaayittaarraa kan filataman yoo ta’uu, lakkoofsa buufataalee dabaluun guyyaa tokkotti xumuruuf qophiin barbaachisu taasiifamuu eerera.

Sarbama ture sirreessuun murticha haqa qabeessaa fi bu’aa qabeessa taasiisuuf qooda fudhattoonni hundi tumsa barbaachisu akka taasiisan boordichi dhaamuu EBCn gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.