Fana: At a Speed of Life!

Hariiroon Ityoophiyaa fi Awurooppaa gara walta’iinsaatti dhufaa jira jedhame

Finfinnee, Eebla 26, 2015 (FBC)- Biyyoonni Awurooppaa daawwaanaan Ityoophiyaatti taasisan hariiroon Ityoophiyaa fi Awurooppaa gara walta’iinsaatti dhufaa jiraachuuf argisiistuu ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa Beeksise.

Dubbii Himaan ministeerichaa Ambaasaaddar Mallas Alam ibsaa miidiyaaleef kennaniin, chaansilarri Jarmanii fi jilli isanii qondaaltota mootummaa waliin mari’achuu yaadachiisan.

Dabalataan, abbootiin qabeenyaa fi dhaabbileen daldalaa carraalee invastimantii Ityoophiyaa abuuruun hojiilee invastimantiirratti bobba’uuf waadaa galuu kaasaniiru.

Dureewwan biyyoota Awurooppaa Ityoophiyaatti daawwannaan taasisaa jiraanii fi waliigalteewwan waloo walta’iinsaan hojjechuuf irraa ga’aman kaayyoo fayyadamummaa waloo mirkanneessuu kan qabu ta’uu ibsaniiru.

Haala yeroo Sudaanii irratti Ambaasaaddar Mallas akka jedhanitti, nageenya lammiilee Ityoophiyaa biyyattiitti argamanii eeguu fi gara biyyaatti hojiin deebisuu xiyyeeffannaa olaanaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Hanga ammaattis lammiileen kuma 3 ol gara biyyatti deebi’uu jedhan.

Lammiileen biyyoota 61 kuma 7 fi 726 Ityoophiyaa qaxxaamuruun lammiilee isaanii Sudaanii baasuu ibsaniiru.

Firehiiwoot Saffiiwutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.