Naannoleen bittaafi gurgurtaa boba’aa gama elektirooniksiin eegaluuf qophiin xumuramuu ibsame
Finfinnee, Eebla 25, 2015(FBC)- Naannoleen bittaafi gurgurtaa boba’aa gama elektirooniksiin eegaluuf qophiinxumuruu Ministeerri Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksise.
Ministeerichi bittaafi gurgurtaa boba’aa gama elektirooniksiin naannoleetti Caamsaa1, 2015 irraa eegalu irratti qophii taasifamaa jiru ilaalchisee marii gaggeesseera.
Maricharratti hoggantoonni biiroo daldalaa naannolee kan hirmaatan yoo ta’u, Eebla 29, 2015 irraa eegalee gama elektirooniksiin bittaafi gurgurtaa yaalii kan eegalan ta’uu hoggantoonni maricharratti hirmaatan ibsaniiru jedhame.
Bittaafi gurgurtaa boba’aa gama elektirooniksii taasifamu kan saffisiisuuf abbootii qabeenyaafi hojjettoota buufataalee boba’aa akkasumas qaamolee dhimmatootaa waliin hojiileen qophiin duraa hojjetamuu eerameera.
Ministirri Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Obbo Gabramasqal Caalaan, qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjechuuf tattaaffiin godhamaa jiru kan abdii namatti hour ta’uu ibsaniiru.
Rakkoolee bittaafi gurgurtaa boba’aarratti mudatan ariitiin adda baasuun sadarkaan furuufi dhaabbilee dhimmi isaa ilaallatuutti beeksisuun barbaachisaa ta’uu yaadachiisuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.