Fana: At a Speed of Life!

Raayyaan Ittisa Biyyaa qondaaltota waraanaa olaanoof manneen waliin jireenyaa carraan dabarsee kenne

Finfinnee, Eebla 25, 2015(FBC)- Faawundeeshiniin Raayyaa Ittisa Biyyaa Manneen waliin jireenyaa qondaaltota waraanaa olaanoof ijaarsise carraan dabarsee kennuu ibsame.

Sagantaan carraa baasuu bakka Itaamaajorshuumiin Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildmaarshaal Birhaanuu Julaa, Ministir Deetaan Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Maartaa Luuwiijii, qondaaltonni olaanoon Raayyaa Ittisa Biyyaafi keessummoonni argamanitti gaggeeffameera.

Raayyaan Ittisaa bu’uura hojiirra oolmaa riifoormiin faayidaalee loltootaa guutuuf, leenjiin gahoomsuuf akkasumas hojiimaatilee fooyyesuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Fiildmaarshaal Birhaanuu Julaan ibsaniiru.

Loltuu biyyasaa amanamummaan tajaajilaa jiruuf hojiin sadarkaan fayyadamaa manaa taasisuu cimee kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.

Raayyaan Ittisaa bu’uura qajeeltoo heera mootummaan nageenyaa biyyaa eeguun ergama isaa ba’achaa jiraachuu eeruun, qaamoleen seer-maleeyyiin gochaa badaasaaniirraa akka of qusatan yaadachiisaniiru.

Manneen kunneen dabarfamanii kan kennaman qondaaltoota olaanoo hojiirra jiraniifi kabajaan gaggeeffaman kaffaltii duraa %20 kaffalaniif ta’uu eerameera.

Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Faawundeeshinii Raayyaa Ittisa Biyyaa Birgaader Jeneraala Darajjee Magarsaan, manneen ijaarsarra jiran jiraachuufi hojiin xumuraa cimee kan itti fufu ta’uu ibsuusaanii ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.