Fana: At a Speed of Life!

Mooskoon Dirooniwwan Yuukreen lama naannawaa Kireemiliin balali’aa turan haleeluu beeksifte

Finfinnee, Eebla 25, 2015 (FBC) – Mooskoon Dirooniwwan Yuukreen lama naannawaa teessoo mootummaa Raashiyaa balali’aa turan haleeluun kuffisuu beeksifteerti.

Dirooniwwan kunneen magaala guddoo Raashiyaa Mooskoo keessatti Pireezidaantii Raashiyaa Viilaadmiir Putiinirratti haleellaa raawwachuuf yaalirra kan turan ta’uu himameera.

Teessoo mootummaa biyyattii Kireemliin irratti haleellan xiyyeefate yeroo diroonota lamaaniin raawwatamuuf turan Pireezidaanti Putiin masaraa sana keessa kan hin turre ta’uu Dubbii Himaan Pireezidaantii Raashiyaa Diimiitirii Peeskoov ibsaniiru.

Gamoo teessoo mootummaarras ta’ee wantoota achi keessa jiran irra miidhaan qaqqabe hin jiru jechuun Ejensiiwwan Oduu Raashiyaa gabaasaniiru.

Yuukreen ammatti himannaa ”yaalii haleellaa” jedhame kana irratti yaada hin kennine jedhameera.

Maddi:-CNN fi BBC

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.