Mootummaan itti gaafatamummaa fi ce’umsa haqaa mirkaneessuuf hojjechaa jira-Obbo Dammaqaa Mokonnin
Finfinnee, Eebla 24, 2015 (FBC)-Mootummaan itti gaafatamummaa fi ce’umsaa haqaa mirkaneessuuf hojjechaa jira jedhan Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin.
Obbo Dammaqaan Komishinara olaanaa mirgoota namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Voolkeer Tarki waliin mari’ataniiru.
Wayita marii isaaniittis itti gaafatamummaa fi ce’umsa haqaa mirkaneesuuf koree waloo manni hojii ministeerichaa hogganu akka hundaa’e ibsuu isaanii ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
Ce’umsa haqaa mirkaneessuuf, dhimmoota waliin hojjechuun danda’amurrattis komishinaricha waliin mari’ataniiru.
Komishinarichi waliigaltee nageenyaa Piritooritaatti taasifame dinqisiifatanii, waajjirri isaanis mootummaa Ityoophiyaa waliin walta’iinsaan hojjechuuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.
Nageenya mirkaneessuuf tattaaffii taasifamu waajjiri isaanii akka deeggaru himaniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.