Fana: At a Speed of Life!

Yeroo gabaabaa keessatti hojii Afrikaanotaaf fakkeenya ta’u hojjachuun keenya baay’ee nu boonsa – Pireezidaanti Shimallis

Finfinnee, Eebla 24, 2015 (FBC) – Yeroo gabaabaa keessatti hojii Afrikaanotaaf fakkeenya ta’u hojjachuun keenya baay’ee nu boonsa jedhan Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Oromiyaa ni ijaarra, Ityoophiyaa ni utubna, Gaanfa Afrikaa ni tasgabbeessina wayta jennu dhaadannoof qofa osoo hin taane, hojii gama hawaasummaa, diinagdeefi siyaasaan hojjennuun fakkeenya taanee argamuudhaani jedhan Pireezidaanti Shimallis fuula Feesbuukii isaaniin.

Tibbana jila ministirootaafi hoggantoota olaanoo biyyoota Afrikaa 14 irraa dhufan, hojiilee misoomaa naannoo keenya keessatti hojjetaman daawwachiisaa jirra.

Hojiin misooma qamadii jallisii kilaastaraan Godina Shawaa Bahaa keessatti hojjatamaa jiru jila kanaan kan daawwatame yoo ta’u, muuxannoo gama kanaan qabnu obboleewwan keenya qoodnee jirra jedhan.

Hojii gama Indaastirii qonnaan hojjataa jirruuf fakkeenya kan ta’u Waldaan Aksiyoona Jabduu Motorsi jila hoggantoota biyyoota Afrikaan daawwatameera. Kubbaaniyaan kun qonna keenya ammayyeessuu keessatti gumaacha olaanaa bahachaa jira.

Keessattuu, paampii bishaanii oomishuun, hojii misooma qamadii jallisiin eegalameef lafee dugdaa ta’eera.

Sanyii filatamaafi galtee qonnaa dhiyeessuun qonna keenya kan utubaa jiru Yuuniyeeniin Qonnaan Bultootaa Luume Adaamaas daawwatamuu ibsaniiru.

Kana males, buufata biqiltuu avokaadoo Laga Mojoofi misoomni Avokaadoo Aanaa Luumee kan alatti erguun sharafa alaa irraa argachaa jirru daawwatameera.

Yeroo gabaabaa keessatti hojii Afrikaanotaaf fakkeenya ta’u hojjachuun keenya baay’ee nu boonsa jechuun ibsaniiru.

Qaamolee hojii kana milkeessuu keessatti qooda qabdan hunda galateeffataniiru.

Milkaa’ini argame kun kan teenyee akka boonnu nu taasisu osoo hin taane, kan milkaa’ina olaanaaf nu kakaasu ta’uu qaba jechuun dhaamaniiru.

Xiyyeeffannoon obboloota keenya Afrikaanotaa nurra ta’uun dirqama dachaa nurra kaa’eera.

Qooda fudhattoonni hundi hamilee kanaan jabaattanii seenaa akka hojjattan dhaamaniiru.

Ni hojjenna, seenaa ni jijjiirra! Hiyyummaa dhaadannoon osoo hin taane, hojiidhaan seenaa ni goona! Jechuun eeraniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.