Fana: At a Speed of Life!

Qellem Wallaggaatti hojiin babal’isa bu’uuraalee misoomaa manneen barnootaa Birrii miiliyoona 300 ol gaggeeffame

Finfinnee, Eebla 24, 2015 (FBC)-Godina Qellem Wallaggaatti hojiin babal’isa bu’uuraalee misoomaa manneen barnootaa Birri miiliyoona 300 ol gaggeeffamuu Waajjirri Barnootaa Godinichaa ibse.

Itti Gaafatamaan Waajjirichaa Obbo Gammachiis Nagaraa, baatiiwwan saglan darbanitti hirmaannaa ummata godinichaatiin hojiin babal’isa bu’uuraalee misoomaa manneen barnootaa hojjetamuu eeran.

Haaluma kanaan, hirmaannaa ummataan hojiilee babal’isa bu’uuraalee misoomaa manneen barnootaa Birrii miiliyoona 335 fi kuma 696 hojjetamuu himaniiru.

Hojiileen kunneenis dareewwan barnootaa haaraa ijaaruu fi kaan haaromsuu, manneen fincaanii ijaaruu fi kanneen biroo ta’uu himaniiru.

Dabalataan manneen barnootaa Bu’uura Boruu 131 xumuramuu himaniiru.

Qulqullinni barnootaa kan mirkanaa’u wayita hirmaannaa ummataan dabaalame ta’uu kan kaasaan Obbo Gammachiis, ammas hawaasni hirmaannaa taasisuu eegalee cimsee itti fufuu akka qabu hubachiisuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.