Fana: At a Speed of Life!

Qamadii Alatti erguutti kan ceeneef sirnaan karoorsinee cimnee waan hojjanneefi-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Eebla 23, 2015 (FBC)- Qamadii Alaa galchuurraa Alatti erguutti kan ceeneef, qabeenya qabnurratti sirnaan karoorsinee cimnee waan hojjanneefi jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallisa Abdiisaan.

Obbo Shimallis Gama miidiyaa hawaasummaa isaniin akka ibsanitti, imalli badhaadhinaa kan milka’u diinagdee hirkattummaa deeggarsa alaa jalaa yoo baasnee qofa.

Oomisha Alaa galu hir’isuu fi Al-ergii dabaluuf hojjechaa turuu yaadachiisaniiru.

Hojiin Qamadii alaa galu hambisuuf qamadii biyyittiin barbaaddu oomishuu, mootummaa Federaalaa irraa hanga naannoleetti xiyyeffannaan hojjetamaa tureera jedhan.

Kunis oomisha biyyattiin barbaadduu oomishuurra darbee al-ergiif akka oole kaasanii, milka’ina kanaafis qonnaan bultoonni shoora olaanaa bahachaa jiraachuu himan.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Qamadiin waggaa guutuu akka omishamuuf deeggarsa barbaachisaa jira kan jedhan Obbo Shimallis, kanaanis Oomishni dabalaa jiraachuu eeraniiru.

Qamadiin Godina Shawaa Kaabaa Aanaalee 16 keessatti hektaara kuma 60 irratti misoomaa jiru Abdii guddaa egeree diinagdee keenyaa kan mirkaneessuu ta’uu akeekaniiru.

“Qonnaan bultoota keenya teeknoloojii qonnaa ammayya’aa hidhachiifne, qonna keenya ammayyeessuun omisha keenya daballee Badhaadhina Oromiyaafi Itoophiyaa ni mirkaneesina” jedhaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.