Gaaffilee hojjettoota deebisuuf mootummaan tattaaffii taasisaa jira-Ministeericha
Finfinnee, Eebla 23, 2015 (FBC)- Gaaffilee hojjettoota sadarkaan deebisuuf mootummaan Konfedereshinii waldaalee Hojjettoota Ityoophiyaa waliin ta’uun mari’achaa jiraachuu Ministeerri Hojii fi Ogummaan ibse.
Ministeerichi guyyaa hojjettoota addunyaatiin Isin gahee jechuun ergaa dabarseera.
Ergaa isaan Ityoophiyaa misoomsuuf kanneen tattaaffii taasisan, damee hundaan hojjettoota tattaafatoo bobba’aan kan kabajnuu fi guyyaa itti galateeffannuudha jedheera.
Adeemsa hanga ammaatti jiran caalmaan cimsuuf fedhiiwwan dabalaa dhufan irraa gaaffilee hojjettootaa maddan deebisuuf mootummaan tattaaffii addaa gamaa isaan taasisaa jiraachuu ministeerichi ibseera.
Haaluma kanaan Konfedereeshinii Gamtaa Hojjetoota Ityoophiyaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjechaa akka jiran eeruun, fuuldurattis kan cimsee kan itti fufu ta’u ibseera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.