Fana: At a Speed of Life!

Deeggarsii fi walitti dhufeenyi Naannolee biroo waliin taasisnu hariiroo Uummatootaa fi tokkummaa biyyaa kan jabeessu ta’ee itti fufa – Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Eebla 21, 2015 (FBC) – Deeggarsii fi walitti dhufeenyi Naannolee biroo waliin taasisnu hariiroo Uummatootaa kan cimsuu fi tokkummaa biyyaa kan jabeessu ta’ee itti fufa jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa waggoottan Sadan darban naannolee ollaa waliin hariiroo bu’ura cimaa qabu, haala yeroo fi Siyaasaa waliin hin raafamne uumuuf Uummataa fi Mootummoota naannoolee ollaa waliin hariiroo cimaa gama hawaasummaa fi diinagdeetiin jalqabeera.

Uummanni Obbolaa ollaa keenya jiranis ta’ee, naannoo keenya keessa jiraatan Oromoof yaaddoo fi madda Sodaa akka hin taane, Oromoonis Uummattoota kanneeniif madda sodaa fi yaaddoo osoo hin taane, Uummata Obbolaa ta’uu mirkaneessuuf hojiin bal’aan hojjatamaa jira jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

Kanas bu’ura cimaarra dhaabuufi hojiin seenessa dogongoraa Uummattoota gidduutti barootaaf faca’aa ture kara barnootaan sirreessuuf naannolee ollaatti Barnoota Afaan Oromoo barsiisuu akkasumas, godinaalee Oromiyaa daangaa naannoolee ollaatti argamanittis Afaan Naannolee ollaa barsiisuu jalqabuun keenya, hariiroo obbolumma Uumata gidduu jiru daran kan jabeessuudha.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa waggoottan darbanitti Baajata Biiliyoonaan ramadee, Naannolee Olla 5 keessatti Mana Barnoota Ifa Boruu Sadarkaa Lammaffaa, Sadarkaa isaa eeggatee fi qulqullina qabu 5 ijaarsisera. Naannolee ollaa Sadii keessattis yeroo dhihootti ijaarsa isaanii jalqabuuf qophiirratti argama. Hojiin kun walitti dhufeenyi keenya gama hawaasummaatin jiru misoomanis deeggaramaa dhufu kan mirkaneessudha.

Daaw’annaa Naannoo Tigraayitti taasisneen waraana waggaa lamaaf naannichatti ta’een bu’uraaleen misooma hedduun miidhamuufi kunis tumsa Uummata biyyaa keenyaa hundumaa kan gaafatu ta’uu hubanneerra. Mootummaan keenyaa fi Uummanni Naannoo keenyaas Uummata Obbolaa kana hanga humna isaatiin deeggaruufi jajjabeessuuf itti gaafatamummaa dachaa ofirraa waan qabnuuf naannichatti Mana Barnoota Sadarkaa isaa eggate tokko fi Buufata Fayyaa tokko ijaaruuf, akkasumas Qonnaan bulaan ganna kanatti lafa isaa akka facaafatuuf Tiraaktaroota 30 deeggaruuf murteessineerra.

Walumaagalatti, Mootummaan naannoo Oromiyaa hojii naannicha deebisanii misoomsuu keessatti deeggarsa Birrii Biiliyoona tokko ni taasisa. Deeggarsi Mootummaan Naannoo Oromiyaa taasisu hariiroo Uummata keenya gidduu jiru cimsuun, tokkummaa biyya keenyaa daran kan jabeessuudha.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.