Hojiileen Fooyya’iinsa Nageenya Damee Aviyeeshinii Ityoophiyaa madaalu hojjetamuu ibsame
Finfinnee, Eebla 21, 2015 (FBC) – Hojiileen fooyya’iinsa damee nageenyaa aviyeeshinii Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaaf madaalu hojjetamuu Daayrektarri Jeneraalaa Tajaajila Nageenya Odeeffannoo fi Tika Biyyaalessa Tamasgeen Xiruunahiin ibsaniiru.
Hojiilee Riifoormii Kutaa Nageenya Siiviil Aviyeeshinii haaraa gurmaa’ee kan Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa jala jiru qondaaltota olaanoo mootummaa fi gaggeessitoota olaanoo Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa daawwatamuu tajaajilichi ibsa Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif ergeen himeera.
Tajaajilichi hanqinaalee nageenya aviyeeshiniin walqabatanii mul’atan irratti qorannoo bal’aa gaggeessuu Daayrektarri Jeneraalaa tajaajilichaaTamasgeen Xiruunahiin ibsaniiru.
Hojii damee nageenyaa aviyeeshinii haala tajaajilaa fi dhaqqabummaa Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa madaaluun ammayyeessuuf tattaaffiin taasifamaa akka jirus ibsaniiru, kunis mallattoo maqaa gaarii biyyattii ta’uu ibsaniiru.
Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Daandii Qilleensa Ityoophiyaa Obbo Masfin Xaasoow gama isaaniin, yeroo dhiyoo asitti xiyyeeffannoo damee nageenya Aviyeeshiniif kenname hordofuun haalli nageenyaa buufataalee xiyyaaraa yeroo kamiyyuu caalaa nageenya fooyya’aa kan qabu ta’uu ibsaniiru.
Nageenyi Aviyeeshinii dhimmoota ijoo biyyaalessaa keessaa tokko ta’uu Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisaa Dooktar Abrahaam Balaay dubbataniiru.
Nageenyi aviyeeshinii guutummaatti mirkanaa’aa ta’e, maamiltoota gammachiisu ijaaruun Murteessaa ta’uu Dooktar Abrahaam eeraniiru.
Ijaarsi dandeettii, teeknooloojii ammayyaa fayyadamuu fi qindoominni hojii cimee itti fufuu akka qabu Dooktar Abrahaam hubachiisaniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.