Fana: At a Speed of Life!

Fiinxaleeyyiin Obbo Girmaa Yeshiixilaa ajjeesuun biyya Olaantummaan yaadaa itti mirkana’ee fi yaadni itti kabajamu ijaaruurraa nun dhaaban – Pireezidaanti Shimmalis Abdiisaa

Finfinnee, Eebla 19, 2015 (FBC) – Fiinxaleeyyiin Obbo Girmaa Yeshiixilaa ajjeessuun mo’amuu isaanii kan mirkaneessu yoo ta’e malee, Biyya Olaantummaan yaadaa itti mirkana’ee fi yaadni itti kabajamu ijaaruurra nun dhaaban jedhan Pireezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Obbo Shimallis ajjeeffamuu Obbo Girmaa Yeshiixilaatti gaddi itti dhaga’amuu ibsaniiru.

Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaateera.

Obboleessi keenya Hogganaan waajjira Paartii Badhaadhinaa Naannoo Amaaraa Obbo Girmaa Yashixilaa hoggansa cimaa Olaantummaa yaadatti amanuufi kana mirkaneessuuf qabsa’aa turedha. Fiinxaleeyyiin jaarraa kana keessattis yaadan osoo hin taane, rasasaan injifachuuf abjoochu malu ta’a, qabatamaatti garuu yaadni akkana yaada moofaa bara kana keessatti fudhatama hin qabneedha.

Wareegama tasaa Obbo Girmaa Yashixilaatin gadda guddaa natti dhagahame yoon ibsu gadda guddaadhani. Waaqni lubbu isaa jannataan haa qananiisu!!

Maatii isaa, Jaallan qabsoo isaanii maraa fi Ummata naannichaaf jajjabinan hawwaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.