Ayyaanni Shawaal Iid kabajamaa jira
Finfinnee, Eebla 19, 2015 (FBC) – Naannoo Hararii magaalaa Harariitti Ayyaanni Shawaal Iid kabajamaa jira.
Ayyaanichi duudhaa tokkummaa, nageenyaa, jaalalaa fi damee Turizimii guddisuurratti qooda olaanaa qabaachuu ibsameera.
Kabaja ayyaanichaa hambaalee Kiliyyaa Idil Addunyaatti galmeessuuf sochiin taasiifamaa jiraachuun kan yaadatamuudha.
Akka lakkoofsa bara Hijiraatti Ayyaanni Shawaal Iid Soomana Sunnaa guyyoota jahaaf soomamu booda kan kabajamu yoo ta’uu, ayyaana Ummanni Hararii Aadaa fi Duudhaa isaanii ittiin ibsataniidha.
Maraa’ool Karidii fi Yaasimiin Sa’idiitu gabaase
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.