Ayyaanni Shawaal Iid boruu irraa eegalee Harariitti kabajama
Finfinnee, Eebla 18, 2015 (FBC)- Ayyaanni Shawaal Iid boruu irraa eegalee Naannoo Harariitti kan kabajamu ta’uu Biiroon Aadaa fi Tuurizimii Naannichaa beeksise.
Hogganaan Biirichaa Obbo Tawaldaa Abdoosh ibsa kennaniin, ayyaanni Shawaal Iid bara kanaa guyyaa boruu irraa eegalee bakka qondaaltonni olaanoo mootummaa fi keessummoonni biroon argamaniin ni kabajama.
Ayyaanni Shawaal Iid bara kanaa mata duree “Shawal Iid nageenyaaf, tokkummaaf, waliin jirenyaa fi guddina turizimii” jedhuun akka kabajamu himaniiru.
Ayyaanni Shawaal Iid bara kanaa duudhaa ummata Hararii beeksisuu qofa osoo hintaane, bakkeewwan turizimii fi aadaa beeksisuuf akka hojjetamu ibsaniiru.
Jala bultiin ayyaanichaa ulaawwan ‘Awu Abqaraa’ fi ‘Awu Shuluum Ahmaditti’ akka kabajamu himaniiru.
Ayyaanicharratti fi argisiisni aadaa, sagantaa beekamtii, badhaasni Jagool, hojiiwwan hambaalee deebisanii haaromsuu eegalchiisuu fi manneen aadaa Hararii fi Abbootii Gadaas ni eebbifamu jedhameera.
Ayyaanni Shawaal Iid ayyaana akka lakkoofsa Hijraa ji’a Shawaal keessa soomni sunnaa ja’an erga soomamanii booda kan kabajamu ta’uun ibsameera.
Maraa’ol Kadiirtu gabaase
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.