Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Tigraayitti barnoota idileef galmeen eegale

Finfinnee, Eebla 18, 2015 (FBC)-Naannoo Tigraayitti barnoota idiilee eegalchisuuf galmeen manneen barnootaa hunda keessatti jalqabamuu Biiroon Barnoota naannichaa beeksise.

Guyya har’as barattoonni idiilee duraa hanga kutaa 12ffaatti galma’aa oluu Daayireekterri Koominikeeshinii Biiricha obbo Daanyaaw Ayixaaggab Faanaa Biroodkastingi Korpooreetiitti himaniiru.

Naannichatti Eebla 23, 2015 barnoonni idile kan kennamuu ta’uun ibsameera.

Barnoota yeroo walitti bu’iinsa darbee bakka buusuun gara idileetti deebisuun kan itti fufu ta’uun eerameera.

Akkasumaas hojiin barattoota yeroo walitti bu’iinsaa qe’ee isaaniirraa fagataanii deemaan deebisuu fi manneen barnootaa miidhaan irra qaqqabe deebisanii suphun kan hojjetamu ta’uu himaniiru.

Afawarqi Iyaayyuutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.